Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan talaallii vaayrasii koroonaa argachuu tattaaffi taasifamu irratti hin hirmaadhu jette

Finfinnee, Hagayya 27, 2012 (FBC) – Ameerikaan talaallii vaayrasii koroonaa argachuu fi raabsuuf tattaaffi idil addunyaan taasifamurratti hin hirmaadhu jechuun ishee dhaga’ameera.

Tattaaffiin idil addunyaarratti gama Dhaabbata Fayyaa Addunyaa biyyoonni 150 ol qindoomina uumuun hojjechaa jiru.

Tattaaffiin Koovaaks jedhamuu kun talaallii fayyummaan isaa mirkanaa’e argachuuf kan gurmaa’eera jedhame.

Ta’us bulchiinsi Doonaald Traamp gama isaatiin talaallicha argachuuf biyyi isaanii qofaa ishee akka dhaabbattu ibsaniiru.

Traamp dhuma baatii Caamsaatti Waashingitan hariiroo dhaabbata fayyaa addunyaa waliin qabdu akka adda kutte ibsuun isaanii ni yaadataama.

Traamp wayita sanatti Chaayinaan dhaabbaticharra dhiibbaa irraa gahuu fi to’ataa jirti jechuun qeqaniiru.

Bulchiinsi isaanii murtoo kanarraa kan gaheefis hariiroo dhaabbata fayyaa addunyaa waliin qabuu irraa ka’eeti jedhameera.

Hanga ammaatti Ameerikaa dabalatee biyyonni garaagaraa talaallii vaayrasichaa argachuuf yaalii sadarkaa 3ffarra jiru.

Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp biyyi isaanii tattaaffii qofaa ishee taasiftuun talaallicha filaannoon dura akka ifoomsitu dubbataniiru.

Hanga ammaatti sadarkaa idil addunyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonatiin qabamanii miiliyoona 26tti siqaa jira.

Namoonni miiliyoonni 18 ol ammoo vaayrasicharra dandamachuu ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyarraa argame ni muul’dhisa.

Maddi:-Aljaziira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.