Ameerikaan seera lakkoofsa konkolaattota boba’aa fayyadamanii daangessu ifoomsite
Finfinnee, Bitootessa 12, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan seera lakkoofsa konkolaattota anniisaa boba’aa fayyadamanii daangessu ifoomsaniiru.
Seerri kun Ameerikaatti bara Faranjootaa 2032 konkolaattonni Anniisaa Elektirikaan socho’an % 56 akka ta’an kan dirqisiisu yoo ta’uu, gadi lakkifama Kaarbonii hir’isuuf gahee olaanaa qabaachuu himameera.
Warshaaleen Konkolaattota oomishan harka caalu Konkolaattota Humna Elektirkaa akka oomishan kan dirqisiisu yoo ta’uu, warshaalee seera kana hin kabajnerratti tarkaanfiin fudhatamu cimaa ta’uu himameera.
Seerri ifoome kun gadi lakkifama Kaarboon Daay Oksaayidii Toonii biiliyoona 7 kan hir’isu ta’uu Ejansiin Eegumsa Naannoo Ameerikaa ibseera.
Murtoon kun Faalama qabeenyaa qilleensaa Ittisuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eerameera.
Ameerikaatti Konkolaattoonni Humna Elektiraa oomishaman daraan gadi aanaa yoo ta’u, bara darbe konkolaattoota biyyattiitti oomishaman keessaa Konkolaattoonni Anniisaa Elektirikaa % 8 qofa ta’uu BBCn gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.