Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan, Raashiyaarra qoqqoobbii yoo keessu, Yuukreeniif ammoo deeggarsa dabalataa kan taasiiftu ta’uu beeksifte

Finfinnee, Hagayya 18, 2016 (FBC) – Ameerikaan, Raashiyaarra qoqqoobbii yoo keessu, Yuukreeniif ammoo deeggarsa dabalataa meeshaalee waraanaa kan taasiiftu ta’uu beeksifte.
Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodimiir Zelaniskii fi Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan bilbilaan erga mari’atanii booda Ameerikaan deeggarsa dabalataa meeshaalee waraanaa Yuukreeniif kan taasiiftu ta’uu ibsiteerti.
Yeroo dhiyootti deeggarsa meeshaalee waraanaa Doolaara miiliyoona 125 taasiisuuf ta’uu ibsameera.
Ummanni Yuukreen ni injifata, Ameerikaa fi deeggartoonni ishee Yuukreen cinaa dhaabbachuu itti fufu jedhan Pireezidaanti Joo Baayidan.
Erga Waldhabdeen Yuukreenii fi Raashiyaa eegalee Ameerikaan deeggarsa Doolaara biiliyoona 10 olii Yuukreeniif taasiisuu ibsameera.
Deeggarsa Ameerikaan Yuukreeniif taasiisaa jirtuuf Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodimiir Zelaaniskiin Pireezidaanti Joo Baayidan galateeffachuu ‘Al Jazeera’ gabaaseera.
Gama biroon Ameerikaan hoggantoota olaanoo dabalatee lammiilee 400 fi dhaabbilee Raashiyaa irra qoqqoobbii kaa’uu ishee ibsameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.