Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan qoqqobbii daldalaa Kuubaarra keesse akka kaaftu DhMG gaafate

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2016 (FBC)- Ameerikaan qoqqobbii daldalaa waggootaa 10’f Kuubaarra keesse akka kaaftu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii yeroo 31ffaaf gaafate.

Yaa’iin waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kaleessa gaggeeffameera.

Yaa’ichaan Kuubaatti yeroo ammaa waggoota kurnaan darban caalaa jeequma diinagdee hammaataan mudachuu kaasuun furmaanni akka kennamu gaafatameera.

Biyyattiin hanqina nyaataan, boba’aa fi dhiyeessii qorichaan adabamaa jiraachuu hubachiiseera.

Kuubaa irra qoqqobbii daldalaa kaa’ame Ameerikaan akka kaaftuuf biyyoonni miseensota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 187 deeggarsa kan kennan yoo ta’u, Israa’elii fi Ameerikaan garuu mormaniiru.

Yaa’icharratti Yuukireen kan sagalee hinkennine ta’uu CGTN gabaaseera.

Ministirri Dhimma Alaa Kuubaa Biruunoo Roodireegeez yaa’ichaarratti haasawaa taasisaniin, qoqqobbiin daldalaa Kuubaarra kaa’ame meeshaaleen nyaataa, qorichaa, teeknooloojii fi wal’aansaa gara biyyattii akka hinseenne gufuu ta’eera jedhan.

Daldala alaa ishees gara ollaa ishee Ameerikaatti akka hinergine rakkoo ta’uu kaasan.

Kuubaan bara faranjootaa 2022’tti qofaa daldala alaarra argachuu kan qabdu Doolaara biiliyoona 5 akka dhabde hubachiisaniiru.

Dhimmicharratti imaammanni Ameerikaan tarkaanfachiisaa jirtu ta’e jettee mootummaa Kuubaarraatti dhiibbaa uumuu fi dirqamaan aangoorraa buusuuf jedhan.

Bakka Bu’oonni Gaaboonii fi Peeruu Kuubaa cinaa kan dhaabbatan yoo ta’u haasawaa isaaniin imaammanni Ameerikaan hordofaa jirtu qajeelfamoota namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin ala jechuun qoqqobbichi akka ka’u gaafataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.