Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan qabiyyeewwan Finciltoota Huutii  haleelte

Finfinnee, Bitootessa 7, 2017(FMC) – Ameerikaan qabiyyeewwan ficiltoota Huutii Yaman humna qilleensaan haleeluu ishee Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi beeksisan.

Pirezidaanti Tiraampi karaa fuula Miidiyaa hawaasummaa isaanii, gareen kun xiyyaarota Ameerikaatti misaayila dhukaasuun dooniiwwan Ameerikaa fi michoota ishee Galaanaa Diimaa irra socho’an irratti miidhaa raawwachuu ibsaniiru.

Dhiibbaa guyyuun gareen fincilaan kun raawwatu hambisuuf haleellaan kun kan itti fufu ta’uus mirkaneessaniiru.

Haleellaa Ameerikaa kana halloo akka bahu kan hime gareen kun, haleellichaan yoo xiqqaate namoonni 31 lubbuun darbuu fi 101 ammoo madaa’uu ibseera.

Haleellaa magaalaa guddoo Yaman Sana’aa keessatti manneen jireenyaa irratti xiyyeeffate kanaaf  garichi Ameerikaa fi harka keessaa hinqabdu kan jedhamte Ingiliziin balaaleffateera.

Bara faranjootaa Sadaasaa 2023 irraa eegalee garichi Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Edeniin Misaayela, xiyyaarota nam-maleeyyii fi bidiruuwwan xixiqqoo fayyadamuun dooniiwwan daldalaa hedduu irratti miidhaa geessisuun isaa ni beekama.

Dooniin alaabaa Ameerikaa fannifate naannicha irra nagaan erga darbee waggaa tokko caaluu pirezidaanti Tiraampi ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.