Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan miidhaa ABUT geessiseef dhimma akka hinqabne ergaa pireezidaantii isheen mul’isteetti

Finfinnee, Hagayya 16, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan shororkeessaan ABUT Naannoolee Amaaraa fi Afaaritti miidhaa qaqqabsiisettii dhimma akka hinqabne ergaa isaaniin mul’isaniiru.

Baayidan guyyaa namoomaa addunyaa ilaalchisuun ergaa darbarsan keessatti, kufaatiiwwan namoomaa fi sarbama mirga namoomaa addunyaa biyyoota garaagaratti raawwate eeraniiru.

Ta’us, Ityoophiyaan walqabatee Naannoo Tigiraayitti haalota mudatan qofa kaasuun kan darban yoo ta’u kunis gareen shororkeessaa ABUT naannolee Amaaraa fi Afaaritti kufaatii namoomaa raawwateettii akka dhimma hinqabne kan argisiisu ta’uu kan akeekeedha.

Kana malees, ABUT naannolee lameenitti haqa lammiilee buqqa’uunii, deeggarsa namoomaaf saaxilamanii kan ganeedhas jedhame.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.