Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan meeshaalee waraanaa Doolaara miiliyoona 100 olii Yuukreeniif deeggarsa taasisuuf ta’uu ibsite

Finfinnee, Sadaasa 11, 2016 (FBC) – Ameerikaan meeshaalee waraanaa Doolaara miiliyoona 100 olii Yuukreeniif deeggarsa taasiisuuf ta’uu beeksifte.

Akkaatuma waadaa galameen Ameerikaan meeshaalee hidhannoo waraanaa Yuukreeniif deeggarsa taasiisaa jiraachuu Ministirri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa Looyid Ostiin ibsaniiru.

Deeggarsi meeshaalee waraanaa kun Misaa’eeloota farraa xiyyaaraa fi meeshaalee waraanaa gurguddoo ta’an kan of keessatti hamate ta’uu himaniiru.

Ameerikaan marsaa 51ffaaf deeggarsa meeshaalee waraanaa Yuukreeniif taasiisuu Zyiinawaan gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.