Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan meeshaalee waraanaa Doolaara biiliyoona 2 baasu Yuukireeniif qopheessaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2015 (FBC)- Ameerikaan meeshaalee waraanaa Doolaara biiliyoonaa 2 baasu Yuukireeniif qopheessaa jiraachuun gabaafame.

Deeggarsi ergamus Yuukireen humna waraanaa Raashiyaarratti tarkaanfii deebisanii haleeluu fudhachuu eegaluu hordofee ta’uun eerameera.

Deeggarsa marsaa 2ffaa Peentaagoon ergituun, misaa’eloota gosa lama akka dabalatu Biluumbargi gabaaseera.

Torban kana booda misaa’eloota diinarraa fuguggifaman fashaleessuu fi xiyyaarota waraanaa rukutuuf dandeetti kan qabu misaa’ela ammayyaa’aa fi misaa’elaa ajajaan hogganamu Yukireeniif akka ergamu gabaafameera.

Ameerikaan bara 1960’tti tajaajila kan eegalchiiste misaa’ela MIM 23 irraa deebiin haaromsuun Yuukireeniif erguuf qophaa’uun eerameera.

Anga’oonni Yuukireen “Yoom argitaniiti, gara haleellaatti hinseenne” jechaa jiraachuun ibsameera.

Hogganaan Mana Maree Ittisaa fi Nageenyaa Biyyaalessaa Yuukireen Aleeksi Daaniloov, “Deebinee haleeluu wayita eegallu tokkoon tokkoo namaa ni beeka; ni argas” jedhan.

Pireezidaantiin Yuukireen Vooloodmiir Zeleniskiin, baatii kana gara jalqabaa humna waraanaa isaanii gara haleellaatti deebisuuf qophii ta’uu, deeggarsi meeshaalee waraanaa biyyoota Lixaas daran akka barbaachisuun ‘The Wall Street Journal’f ibsuun himameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.