Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan lammiilee miiliyoona dhibba 1f talaallii Covid- 19 laatte

Finfinnee, Bitootessa 6, 2013 (FBC) – Ameerikaan lammiilee miiliyoona dhibba 1f yoo xiqqaate yeroo tokko talaallii Covid- 19 laachuu ishee beeksiifte.
Bulchiinsi Preezdaant Joo Baadine talaallichi sdarkaa biyyaalessaatti ariitiin akka walga’u xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhame.
Preezdaant Joo Baadine guyyoota 100 keessatti lammiilee miiliyoona dhibba 1f talaallicha laachuuf karoorfatan guyyoota 60 keessatti milkeessuu ibsaniiru.
Yeroo dhiyoo as weerarichi Ameerikaa keessatti hir’isaa dhufuu himameera.
Lammiilee talaallicha fudhatan miiliyoona dhibba 1 keessaa miilyoona 35 kan ta’an yeroo lama kan fudhatan ta’uu ibsameera.
Hanga baatii Caamsaa dhufuutti ga’eessoota hundaaf kan laatamu ta’uu biyyattiin beeksiifteera.
Adoolessa 4, 2021 eegalee jireenya idileetti deebi’uuf hojjetamaa jiraachuu Joo Baadine ibsaniiru.
Ameerikaatti erga weerarich muul’atee hanga ammaatti lammiilee miiliyoona 29 dhibichaan qabaman keessaa lubbuun lammiilee kuma dhibbi 5 fi kuma 32 olii darbuu himameera.
Maddi:- The Wall Street Journal
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.