Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan lammiilee biyyoota 6 Viizaa dhorkite

Finfinnee, Amajjii 23, 2012 (FBC) – Ameerikaan laammiilee biyyoota 6 Viizaa dhorkuu ishee beeksiifte.

Ameerikaan laammiileen biyyoota  Naajeeriyaa, Sudaan, Taanzaaniyaa,Eeritraa, Maaynaamaarii fi Kiirgiistaan Viizaa dhorkuu ishee beeksiifte.

Lammiileen biyyoota kanneenii gosa Viizaa murtaa’anii akka hin argannee dhorkuu ishee Ameerikaan beeksiifteerti.

Lammiileen kunneen Viizaa Turistiitiin Ameerikaa daawwachuu akka danda’an ibsameera.

Biyyoonni kunneen sadarkaa odeeffannoo fi nageenyaa mootummaan Ameerikaa barbaadu waan hin guunneef jedhameera.

Lammiileen kunneen ulaagaalee mootummaan Ameerikaa kaa’e muraasa  sababoota garagaraan warreen hin guunne akka ta’an eeggataa barreessan dhimmoota nageenyaa Ameerikaa Chaad Woolf ibsaniiru.

Aanga’oota biyyoota kanneenii waliin dhimmoota nageenyaa irratti hojjechuun tarree dhorkamaa kana keessa akka bahan ni taasifama jedhan.

Bara Faranjootaa 2017 irraa eegalee Ameerikaan biyyoota sodaa nageenyaan shakkite 7 Viizaa dhorkitee jirti.

Haala bu’ura qajeelfama amma hojii irra oolu kanaan lammiileen Naajeeriyaa, Eeritraa, Kiirgiistaanii fi Maaynaamaariif Viizaan eeyyama jireenyaa dhaabbiin akka hin laattamneef himameera.

Taanzaaniyaa fi Sudaan ammoo carraan Lotorii DV isaanii ni haqama jedhameera.

Maddi:-BBC

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.