Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Kuusaa Meeshaalee waraanaa Iraan Sooriyaa keessatti argamu xiyyaaraan haleelte

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2016 (FBC) – Ameerikaan Kuusaa Meeshaalee waraanaa Iraan Sooriyaa keessatti argamu xiyyaaraan haleeluu beeksiifte.

Haleellaa Milishoonni Iraan torbee darbe mooraa waraanaa Ameerikaa Iraaq keessatti argamurratti raawwatan hordofee deebii kana laachuun ibsameera.

Jeettiin Waraanaa Ameerikaa F-15 jedhamtu kaleessa galgala Kuusaa Meeshaalee waraanaa Iraan Sooriyaa iddoo Deer Al Zuur jedhamuun beekkamutti haleellaa cimaa raawwachuun ibsameera.

Ameerikaan nageenya Ummataa fi faayidaa ishee kabachiisuuf tarkaanfii kamiiyyuu kan fudhattu ta’uu Ministirri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa Looyid Ostiin ibsa kennaniin himaniiru.

Haleellaa raawwatameen lammiileen nagaas ajjeefamu AP’n gabaaseera.

Haa ta’uutii Ameerikaan haleellaa raawwatameen lubbuun lammiilee nagaa darbe tokkoyyuu hin jiru jechuun waakkateerti.

Namoonni ajjeeffaman miseensota Eegdoota Warraaqsaa Iraan ta’uu waakkatteetti.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.