Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Ityoophiyaaf dabalataan deeggarsa Doolaaraa miiliyoona 55 taasiste

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Gargaarsaa Ameerikaa ‘USAID’ wabii nyaataaf Ityoophiyaaf kan ooluu dabalataan deeggarsa Doolaaraa miiliyoona 55 taasisuu beeksise.

Sababa waraanaa Raashiyaa fi Yuukireeniin qaala’iinsa gatii xaa’oo fi nyaataatiin hanqinni nyaataa Ityoophiyaatti mul’achaa jiraachuu dhaabbatichi eereera.

Deeggarsi kunis wayita mari biyyootaa ‘Garee Torban’(G7) jedhamanii Jarmaniitti gaggeeffameeraatti waadaa kan galame keessaa ta’uun ibsameera.

Mootummaan Ameerikaa kutaalee addunyaa hanqina nyaataaf saaxilamoo ta’aniif kan ooluu dabalataan Doolaaraa biiliyoona 2.7 kan ramaddeera.

Deeggarsa kanaan Ityoophiyaa keessatti sababa waraana Yuukireenin walqabatee hawaasaa biyyatti deeggarsa barbaachisuun miiliyoonaa 2 kan qaqqabu ta’uu ibsameera.

Dhiyeessii bishaanii fooyyessuun oomisha nyaataa Ityoophiyaa tumsuu, liqaa bizinasii qonnaa mijeessuu, waldaalee qonnaan bultootaa leenjisuu, raabsaa sanyii fi xaa’oo babal’isuu fi meeshaalee teeknooloojii qonnaa bu’uuraa akka bitatan qonnan bultootaa deeggaruu fa’aaf kan ooluudha jedhameera.

Deeggarsi kunis hawaasaa qonnaan bulaa sababa walitti bu’iinsa kutaa Kaaba biyyattiin dhiyeessiin bishaanii jalaa manca’e kan dabalatuudha jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.