Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Ittisaa fi To’annoo HIV/Eedisiif kan oolu Doolaara miiliyoona 112 Ityoophiyaaf deeggarsa taasiifte

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2015 (FBC) – Ameerikaan Ittisaa fi To’annoo tatamsa’ina HIV/Eedisiif kan oolu deeggarsa dabalataa Doolaara miiliyoona 112 Ityoophiyaaf taasiifte.

Deeggarsicha mootummaan Ameerikaa Ministeerri Fayyaa waliin ta’uun karaa sagantaa deeggarsa dhibee HIV kan gumaachan yoo ta’uu, hanga bara 2030tti Ityoophiyaa keessaa HIV/Eedisii dhabamsiisuuf oola jedhame.

Ityoophiyaatti lammiilee vaayirasicha waliin jiraataiif kunuunsa taasiifamu cimsuun bara 2030tti hawaasni biyyattii sodaa HIV/Eedisii irraa bilisa baasuuf gargaara jedhameera.

Ameerikaan waggoottaan 20 darban Ityoophiyaatti dhibee HIV/Eedisii Ittisuu fi To’achuuf Doolaara biiliyoona 3 deeggarsa taasiisuu ragaan Ityoophiyaatti Embaasii Ameerikaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.