Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Itiyoophiyaatti dhibee HIV Eedsii ittisuuf kan oolu Doolaara miiliyoona 111 deeggarsa taasiifte

Finfinnee, Bitootessa 10, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Ameerikaa karoora yeroo ariifachiisaan tattaaffii Itiyoophiyaan bara 2030tti HIV/AIDS dhabamsiisuuf taasisaa jirtuuf Doolaara miiliyoona 111 deeggarsa taasiisuu beeksiseera.
Qindeessaan Eedsii idil Addunyaa Ameerikaa fi Aanga’aa olaanaan Eegumsa Fayyaa Addunyaa fi Nageenya Fayyaa fi Dippiloomaasii Addunyaa Ambaasaaddar Dooktar Joon Nikeengaasoong deeggarsa kana raggaasisuu ifoomsaniiru.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Jee Maasingaan deeggarsichi ragga’uun Itiyoophiyaatti weeraricha ittisuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Sagantichaan waggoottaan 21 darban keessa tattaaffii Itiyoophiyaan HIV Ittisuuf taasiiftuuf deeggarsi taasiifamaa turuu ragaan Itiyoophiyaatti Embaasii Ameerikaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.