Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan ilaalcha waraana Addunyaa 3ffaa keessaa akka baatu Chaayinaan akeekkachiiste

Finfinnee, Adoolessa 3, 2014 (FBC) – Ameerikaan ilaalcha waraana Addunyaa 3ffaa keessaa akka baatu Chaayinaan akeekkachiiste

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waangi Yuu fi Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaaa Aantoonii Biliinkan yaa’ii biyyootaa garee 20 Indooneezhiyaatti gaggeeffamee jiru cinaatti waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Ministirri Dhimmaa Alaa Chaayinaa Waangi Yuu “Ameerikaan imaammata keessaa fi alaa Chaayinaa akka kabajju, qoqqobbii diinagdee kaa’uurraa akka of qusattuu fi ilaalchaa waraana addunyaa 3ffaa keessaa ba’uu barbaachisaa jedhaniiru.

Chaayinaan birmadummaa Taayiwaan akka deeggartu kaasuun, Ameerikaan imaammata Chaayinaa diiguu fi haqaaquuf yaalaa jirti jechuun Waangi Ameerikaa qeeqaniiru.

Biliinkan walga’ichaan booda gaazeeexeessitootatti akka himanitti, Raashiyaan duulaa waraanaa Yuukireenirratti gaggeessaa jirtu balaaleffachuun Ameerikaa fi michuuwwan ishee biyyoonni Lixaa Mooskoorra qoqqobii yoo kaa’an Chaayinaan garuu daldalaa Raashiyaa waliin qaban guddisuu fi walabummaan ni hanqata jechuun qeeqaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.