Ameerikaan humna hidhattoota Iraaqii fi Sooriya Iraaniin deeggaramuurratti haleellaa qilleensarra raawwatte
Finfinnee, Waxabajjii 21, 2013 (FBC) – Ameerikaan humna hidhattoota Iraaqii fi Sooriya Iraaniin deeggaramuurratti haleellaa qilleensarra raawwachuun ishee dhaga’aame.
Haleellaan qilleensarraa gareen hidhattootaa bakka waraanaa Ameerikaa Iraaqiitti argamuurraatti haleellaa Diroonii raawwateef deebii laachuu akka ta’ee Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Ameerikaa beeksise.
Haleellaa kaleessaa raawwateen gareen finciltoota kuusaa meeshaa waraanaarratti miidhaa qaqqabsiisuu ibsameera.
Haleellichaan hidhattoonni shan kan ajjeefamaan yoo ta’u, hedduun madaa’uun ibsameera.
Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidaan nageenyummaa humnoota waraanaa Ameerikaa nageenyaa kabachiisuuf biyyoot garagaraarratti bobba’aan eeguuf tarkaanfii akka fudhatan himaniiru.
Mddi:-Aljaziira
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.