Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan hidha haaromsaarratti loogii taasiftu dhiisuun dhugaaf akka dhaabbattu aanga’oonni biyyattii duraanii hubachiisaan

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Ameerikaan loogii Hidha Haaromsaarratti qabattee cinaatti dhiisuun marii dhugaaf deeggarsa akka taasiftu aanga’oonni olaanoon biyyattii duraanii hubachiisaniiru.

Aanga’oonni kunneen Ameerikaan dhimmichaarra bilisa ta’uun, adeemsaa jaarsumma haqa qabeessaa fi ifa ta’e hordofuu akka qabdu gaafataniiru.

Ambaasaaddar Suuzaan, Ambaasaaddar Jandaay Fireezarii fi Ambaasaaddar Heermaan dabalatee aanga’oonni olaanoon biyyattii duraanii 7 Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaaf xaalayaa barreessaniin mariin yeroo ammaa hidhicharratti gaggeeffamaa jiru boqonnaa murteessarra ga’uu ibsaniiru.

Dhimma ijaarsa Hidha Haaromsaarratti Waashingitan loogirraa walaba ta’uun socho’uu qabdi jedhaniiru.

Biyyattiin adeemsa jaarsummaa haqaa fi bilisa ta’ee hordofuu akka qabdu hubachiisaniiru.

Ameerikaan beektes ta’ee dogongoraan loogiin Gibtsiif taasiftu tattaaffii waliigalteerra ga’amuuf taasifamu kan gufachiisuu ta’uu kaasaniiru.

Dhiibbaan isheen Ityoophiyaarraan ga’uuf taasiftu dhimmicha caalmaatti rakkisaa taasisa malee furmaata ta’uu hin danda’u jedhan.

Ameerikaan dhimmicha keessaa ba’uun,Muummeen Ministiraa Sudaan Abdallaa Haamdook Ityoophiyaa fi Gibtsi araarsuuf akka hojjetan aanga’oonni kunneen xaalayaan gaafataniiru.

Ameerikaan marii taasifamu dursuu keessaa ba’uun qaamni lamaan dhimma isaanii ofiif furachuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Furmaata qaama hunda fayyadamoo taasisu barbaaduun filatamaa akka ta’es eeraniiru.

Ameerikaan naannichaatti tasgabbii fi nageenyi akka jiraatuuf marii taasifamu karaa loogirraa bilisa ta’een deeggaruu akka qabdu hubachiisaniirui.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.