Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan fonqolcha Maaynaamaar hordoftee biyyattiirra qoqqobbii akka keessu akeekkachiifte

Finfinnee, Amajjii 25, 2013 (FBC)- Preezdantiin Ameerikaa Joo Baayidaan erga waraanni Maaynaamaar aangoo fudhateen booda biyyattiirra qoqqobbii akka kaa’an akeekkachiisan.
Waraanni Maaynaamaar Saan Suu Chii fi hoggantoonni biroo filannoo waliin dha’aniiru jechuun to’annoo jala oolche.
Baayidan humni waraanaa fedhii uummataa irra goruu ykn bu’aa filannoo amanamaa haquu hin qabu jedhaniiru.
Hooggantoonni Gamtaa Awrooppaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fonqolcha mootummaa kana balaallefataniiru.
Ameerikaan Maaynaamaar waggoota kudhaniin asitti gama demookiraasiin jijjiirama agarsiifteen qoqqobbii irraa kaastee turuun ishee ni yaadatam.
Baayidan demookiraasiin eessattiyyuu haleelamaa jira taanaan tiksuu qabna jedhaniiru.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.