Ameerikaan ejjennoon isheen Ityoophiyaarratti qabattee Afrikaa Bahaarratti shororkeessummaa kan babaldhisuudha jedhame
Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC)- Ameerikaan ejjennoon isheen Ityoophiyaarratti qabattee Afrikaa Bahaarratti shororkeessummaa kan babaldhisuu ta’uu ogeessii seeraa obbo Wubshaat Mulaat ibsaniiru.
Obbo Wubshaat Mulaat Dhaabbata Preesii Ityoophiyaaf akka ibsaniiti, Ameerikaan shororkeessummaa akka waraantuu ifatti ibsaa turtuus mootummaan Ityoophiyaa shororkeessaadha jedhe kan moggaasee garee ABUT deeggaruun Afrikaa bahaarratti shororkeessummaa kan babaldhisuudha.
Ameerikaan garee shororokeessaa ABUT deeggaruun ishee ejjennoo shororkeessummaa waraanuuf qabdu shakkii keessaa kan galchuu ta’uudha kan himan.
Biyyattiin ejjennoon qabattee shororokeessummaa waraanuuf seeroota idil addunyaa fi sirnoota kan darbeedha jedhan obbo Wubshaat.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.