Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan dhimma keessoo biyyootaa keessa galuu dhaabuu qabdi – Raashiyaa

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2013 (FBC) – Ameerikaan dhimma keessoo biyyootaa keessa galuu dhaabuu akka qabdu Raashiyaan waamicha dhiyeessite.
Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Maariiyaa Zaakaaroovaan tattaffii Ameerikaan dhimma keessoo biyyoota keessa galuuf taasiiftu mormaniiru.
Gareen Isteet Dippaartimantii Ameerikaa dhimma keessoo biyyoota keessa galuuf yaaliin taasiisu fudhatama hin qabu jedhan.
Garichi jechaan qofa osoo hin taane gochaan dhimma keessoo biyyootaa keessa galuuf yaalii taasiisu dhaabuu akka qabu gaafataniiru.
Gareen Isteet Dippaartimantii kun fedhii biyyoota tilmaama keessa osoo hin galchin murtoon dabarsu sirrii akka hin taane ibsaniiru.
Raashiyaan hojiin duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayitti Ityoophiyaan gaggeessitee fi naannicha deebisanii ijaaruuf hojiin yeroo ammaa hojjetamaa jiru dhimma keessoo ta’uu isaan giddugalummaa qaama alaa hin barbaachisu jechuun ibsiteerti.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.