Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan deeggarsa namoomaa Naannoo Tigiraayiif dhiyaataa jiru dinqisiifatte

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2014 (FBC) – Ameerikaan walitti fufiinsaan deeggarsi namooma Naannoo Tigiraayiif dhiyaachaa jiraachu dinqisiifatte.
Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa baaseen, Naannolee Afaar, Amaaraa fi Tigiraayitti lammiilee deeggarsi barbaachisuuf adeemsaa walfakkaataadhaan deeggarsa namoomaa dhiyaataa jiru dinqisiifateetti.
Guyyoottan torban darbanitti konkolaattonni kuma 1 fi 100 deeggarsa namoomaa nyaata madaalawaa, meeshaalee wal’aansaa fi meeshaalee biroo gara Naannoo Tigiraay galuu eerameera.
Dhiyeessiin deeggarsa namoomaa akka saffisuuf qindoomina mootummaan federaalaa fi naannolee akka dinqisiifattu beeksifteetti.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee, tattaaffii dhaabbilee gargarsaa idil-addunyaa kan biro kan dinqisiifatamuudha jedhameera.
Carraa kanaan qaamoleen hundinu walitti bu’iinsa itti fufiinsaan dhaabuuf akka fayyadaman ibsi Ministeerri Dhimma Alaa Amerikaa baase kun ni argisiisa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.