Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadiif deeggarsa namoomaa Doolaara miiliyoona 536 ifoomsite

Finfinnee, Hagayya 3, 2016 (FBC) – Ameerikaan biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadiif deeggarsa namoomaa Doolaara miiliyoona 536 ifoomsuu ibsame.

Biyyoota kanneenitti Barreessituu Olaantuun Nageenya Siiviilii, Diimokiraasii fi Mirga namoomaa Ameerikaa Uziraa Zayaan Itiyoophiyaa fi Keeniyaatti daawwannaa hojii taasiisaniiru.

Mootummaan Ameerikaa fi dhaabbileen tumsitoota hawaasa Siiviilii Itiyoophiyaa waliin dhimmoota namoomarrattii tumsaan kan hojjetan ta’uu eeraniiru.

Biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadiitti lammiileen miiliyoonni 38 ol sababoota adda addaan qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu kaasaniiru.

Kanneen keessaa miiliyoonni 30 biyyuma isaanii keessa kan jiran yoo ta’u, miiliyoonni 8 daangaa qaxxaamuruun Godaanuu himaniiru.

Itiyoophiyaan Godaantoota biyyoota garaagaraarraa dhufan miiliyoona 1.8 simachuun keessummeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Mootummaan Ameerikaa biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadiif deeggarsa namoomaa Doolaara miiliyoona 536 ifoomsuu eeruu ragaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.