Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan baha Afrikaatti weerara awwaannisaa ittisuuf deeggarsa Doolaara miiliyoona 10 laatte

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) – Ameerikaan baha Afrikaatti weerara awwaannisaa ittisuuf deeggarsa Doolaara miiliyoona 10 laatte.
 
Deeggarsichi karaa Eejansii Misoomaa Idil Addunyaa Ameerikaatin(USAID) hojiirra kan ooludha.
 
Maallaqni laatame Ityoophiyaa, Keeniyaa fi Soomaaliyaatti weerara awwaannisaa ittisuuf hojii hojjetamu deeggaruuf kan ooludha.
 
Maallaqni amma laatame mootummaan Ameerikaa deeggarsa namoomaa weerara awwaannisaa ittisuuf laate Doolaara miiliyoona 19 ga’eera.
 
Waggoottan shanan darbanitti Ameerikaan hojiilee misoomaa fi deeggarsa namoomaa Ityoophiyaatif Doolaara biiliyoona 4 laattetti.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.