Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaa, Jaappaanii fi Kooriyaan Kibbaa waloon shaakala loltummaa gaggeessan

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2016 (FBC)- Ameerikaa, Jaappaanii fi Kooriyaan Kibbaa waloon shaakala loltummaa gaggeessaniiru.

Shaakalli loltummaa biyyoota sadeenii kunis haleellaa misaa’elaa fi niwukilaraa Kooriyaa Kaabaarraa aggaamamuu malu, qolachuuf dandeettii isaanii guddisuuf ta’uun ibsameera.

Quubsumaa Kooriyaarratti shaakalli waloo loltummaa gaggeeffamerrattis dandeettii niwukilaraa kan qabdu xiyyaarri Ameerikaa boombii dhukaasuu dandeessu hirmaachuun gabaafameera.

Kana malees, Jaappaanii fi Kooriyaan Kibbaa jeettiiwwan waraanaa ammayyaa’oo dabalatee meeshalee waraanaa biroon shaakalichaaf oolchuun eerameera.

Kooriyaan Kaabaa gama isheen, quubsuma Kooriyaarratti shaakalli waloo gaggeeffame ifatti tuqata dubbiiti jechuun gochicha balaaleffatteetti.

Ameerikaan meeshalee waraanaa akkanaa naannawichatti sochoosuun waraanni niwukilaraa akka jalqabuuf shiradha jetteetti.

Faallaa kanaan ammoo shaakalli loltummaa Ameerikaa kun Waashingitan naannwichatti nageenya waaraa fi tasgabbii uumuuf kutannoo qabaachuuf argisiistuudha jechuun Piyoongiyaangi irraa himannaa dhiyaate fudhatama dhabsiisateetti.

Kana malees, shaakalichi naannawaa Indo-Paasifikitti kan argaman biyyoota tumsitootaa waliin hariiroo qabdu cimsuuf kan gargaaru ta’uu RT’n gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.