Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaa fi Ingiliiz naannawaa qabiyyee finciltoota Huutii haleelluun gabaafame

Finfinnee, Amajjii 3, 2016 (FBC)- Ameerikaa fi Ingiliiz naannawaa qabiyyee finciltoota Huutii Yemen haleelluun gabaafame.

Biyyoonni lameen tarkaanfii waloon kan fudhatan finciltoonni Huutii kunneen naannawaa Galaanaa Diimaatti torbanootaaf haleellaa raawwachaa turan hordofee ta’uu The Times Of Israel gabaseera.

Haleellichaan buufanni xiyyaraa, daandileen qilleensaa fi kaampiiwwan waraanaa rukutamuu televiizhiniin finiltootaa Huutii Al Maasiiraan gabaseera.

Ministirri Ittisaa Ameerikaa Looyid Ostiin gama isaaniin, tarkaanfiin fudhatame xiyyaara nama maleessaa finciltoonni Huutii itti fayyadaman, misaa’eloota fageenyaa dheeraa fi gababaa furguggifaman akkasumas raadaarotaa to’annoo daangaa fi qilleensaa irratti ta’uu eeran.

Iraan, gareewwan Hizbollaa fi Hamaas haleellaa waloon biyyoonni kunneen raawwatan balaaleffataniiru.

Haleellichi, birmadummaa Yemenii fi tokkummaa bulchiinsaa kan cabse akkasumas seerota Idil Addunyaa, dambiiwwanii fi mirgoota jiran kan sarbeedha jechuun mormii isaanii dhageessisaniiru.

Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan, tarkaafii deebii kennuu kan fudhanneef finciltoonni naannawaa Galaana Diimaatti irra deddeebiin haleellaa raawwachuu hordofeeti jedhan.

Akka barbachisummaa isaattis humni waloo Ameerikaa fi Ingiliiz kun tarkaanfii loltummaa dabalataa fudhachuuf of duuba akka hindeebine akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.