Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaa fi Chaayinaan walitti dhufeenya daldalaa fi dhiyeessii tasgabbeessuurratti mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Ameerikaa fi Chaayinaan walitti dhufeenya daldalaa fi haala dhiyeessii tasgabbeessuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa Jaaneet Yelanii fi Itti Aanaan Muummeen Ministiraa Chaayinaa Liiw Hii bulchiinsi Pireezdaant Baayidan qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf haala Oomishaalee Chaayinaarraa taarifa hir’isuu danda’u, akkasumas Daldala Idil Addunyaa fi dhiyeessii tasgabbeessuu dabalatee dhimmoota diinagdeerratti mari’ataniiru.

Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa Jaaneet Yelanii gita isaanii Chaayinaa waliin marii Viidiyoo Konfirensiin gaggeessaniin haala diinagdee Idil Addunyaa,Qaala’iinsa gatii Shaqaxaalee fi dhiibbawwan wabii midhaan nyaataarratti mari’ataniiru.

Maddi:-Al jazeera

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.