Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaa dabalatee lammiileen biyyoota hedduu Libaanosiin gadi lakkisanii akka bahan akeekkachiifame

Finfinnee, Adoolessa 28, 2016 (FBC)- Lammiileen Ameerikaa, Ingiliz, Faransaay, Siwiidiin, Kanaadaa fi Joordaan Libaanosiin gadi lakkisanii akka bahan akeekkachiifamuun gabaafame.

Akeekkachiisni kenname kunis Hogganaan Siyaasaa Haamaas Ismaa’eel Haaniyyaahi ajjeefamuu hordofee Iraan deebii haaloo bahannaa akka raawwattu dhaadachuurraan akka ta’e ibsameera.

Ameerikaan lammiilee ishee Liibaanosiin jiraatan balalii kamuu fayyadamuun hatattamaan akka biyyatti gadi lakkisanii ba’an hubachiifteetti.

Har’a ganama Hizboollaan Magaalaa Biyaat Hiilaal kan Kaaba Israa’elitti argamtutti rookeetiiwwan hedduu furguggisuu fi muddamsa mudate hordofee balaliiwwan Liibaanoos hedduun haqamuun dhaga’ameera.

Ameerikaan Waraana Israa’eliin tumsuuf dooniiwwanii fi jeettiiwwan waraanaa naannawichatti bobbaasuu yoo ibsitu, Ingiliz ammoo dooniiwwan waraanaa fi humni qilleensaa ishee dammaqinaan akka dhaabbatan ajajuu BBC’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.