Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaddaroonni marii fi itti fayyadama Laga Abbayyaarratti mari’atan

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)-Biyyoota garaagaraatti Ambaasaaddaroonni Itiyoophiyaa marii Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa fi itti fayyadama Laga Abbayyaarratti mari’atan.

Maricharratti Dursaan Garee Mari’attoota Marii Hidha Haaromsaa Ambaasaddar Silasii Baqqalaa fi Daayrektarri Olaanaa Seeraa Idil Addunyaa Ministeeraa Dhimma Alaa Ambaasaddar Rattaa Alamuu, marii gama sadee Itiyoophiyaa, Sudaanii fi Ijibti gidduutti walitti fufiinsaan gaggeeffame ilaalchisuun ibsa bal’aa kennaniiru.

Ambaasaddarooniis qajeeltoo itti fayyadama haqa qabeessaa bishaan Laga Abbayyaa fi fayyadama sababa bu’uureffateetti akka amantuu fi mirgaa fi dirqamoota ibsama qajeeltoo bu’uuraa ta’an hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaan faayidaa biyyoota yaa’aa kabachiisuuf ejjennoo jabaa kan qabdu ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.