Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Ergamtuu Addaa Barreessaa DhMG waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 3, 2017 (FBC)- Ministirri Ministeeraa Dhimma Alaa Ambaasaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Gaanfa Afrikaatti Ergamtuu Addaa Barreessaa Dhaabbata Moorummoota Gamtoomanii Haanaa Teeteeh waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii naannawichaa fi faayidaa waloorratti kan xiyyeeffateedha jedhameera.

Maricharratti Ambaasaaddar Taayyeen, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Gaanfa Afrikatti nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf tattaaffi taasisu dinqisiifatanaiiru.

Itiyoophiyaan akka biyya Gaanfaa Afrikaa tokkootti biyyoota biroo waliin ta’uun naannawichatti nageenyi akka mirkanaa’uuf tattaaffii dippiloomaasummaa taasistu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.