Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddarri Gamtaa Awurooppaa Roonaald Koobiyaan Gaambeellaa galan

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015(FBC)- Ambaasaaddarri Gamtaa Awurooppaa Roonaald Koobiyaan hojiilee misoomaa gamtichaan hojjetaman daawwachuuf Gaambeellaa galan.

Pireezidaantii naannichaa Obbo Umood Ujuluu dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa biroon Ambaasaaddarifhaaf simannaa taasisaniiru.

Ambaasaaddarichi turtiisaaniin hojiilee misoomaa gamtichaan naannichatti hojjetamaa jiran kan daawwatan ta’uu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Dabalataanis pireezidaantii naannichaa Obbo Umood Ujuluu waliin ni mari’atu jedhamee kan eegamu ta’uu ibsameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.