Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddarootaaf leenjiin kennamaa jiru hojii dippiloomaasii bu’aarratti xiyyeeffate akka gaggeessan kan tumsudha-Amb. Burtukaan Ayyaanoo

Finfinnee, Adoolessa 11, 2016 (FBC)- Ambaasaaddaroota muudamtootaf leenjiin kennamaa jiru hojii dippiloomaasii bu’aarratti xiyyeeffate akka gaggeessan kan tumsu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon ibsan.

Ambaasaddar Burtukaan, leenjii Ambaasaddaroota muudamtootaaf kennamaa jirurratti ibsa kennaniin, leenjichi dhimmoota biyyaalessaa, naannawaa, ardii fi idil addunyaa biyyoota 24 irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsan.

Yeroo ammaa leenjii bobbii duraa kennamaa jiruun yaadiddama qofa utuu hintaane gochaarratti kan xiyyeeffate ta’uu dubbatan.

Hoggansaa fi itti gaafatamummaa Ambaasaaddarummaa, haalota hariiroo idil addunyaa yeroo ammaa fi adeemsaalee dippiloomaasii egeree irratti leenjiin kennamuu itti fufeera jedhan.

Damichaan ogeeyyiin muuxannoo qaban leenjisuun hirmaachaa jiraachuu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen Caamsaa 7, 2016 dippiloomaatota 24’f muudama ambaasaaddarummaa kennuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.