Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddarootaa fi Dippiloomaatoota teessoo isaanii Finfinneetti godhataniif haala yeroorratti ibsi laatame

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) – Ministeerri Dhimma Alaa Ambaasaaddarootaa fi Dippiloomaatoota teessoo isaaniin Finfinneetti taasisaniif dhimmoota haala yeroorratti ibsi laate.
 
Dheerachuu filannoo biyyaalessaa 6ffaa, weerara vaayrasii koroonaa fi filannoo naannoon Tigraay gaggeesse ilaalchisee ibsi laatameera.
 
Filannoon biyyalessaa 6ffaan kan dheerate adeemsa heeraa eegee ta’uu ibsameera.
 
Ijaarsa demookiraasii biyyattiif faayida olaanaa qaba jedhamee eeggamaa kan ture filannoon biyyaaleessa 6ffaan erga qophiiin hundi xumuramee sababa weerara vaayrasii koroonaan gufachuu isaa ibsameera.
 
Sana booda naannoon Tigraay filannoo faallaa heera mootummaa ta’e gaggeessuu isaa himameera.
 
Manni Maree Federeeshinii filannoon gaggeeffame filannoo seeraan alaa fi fudhatama kan hin qabne ta’uu murteessuu isaa ibsi taasifameera.
 
Ambaasaaddaroonnii fi Dippiloomaatoonni odeeffannoo dogongoraa akka hin qabanneef hubannoo kana laachuun murteessaa ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI Ambaasaaddar Diinaa Muftii dubbataniiru.
 
Leykuun Alamtu gabaase
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.