Ambaasaaddaroota biyyoota miseensa mana maree nageenyaaf haala waqtaawaa Ityoophiyaarratti ibsi laatame
Finfinnee, Eebila 28, 2013 (FBC) – Ambaasaaddaroota biyyoota miseensa Mana Maree Nageenyaa fi biyyoota Ameerikaa Kibbaaf haala waqtaawaa Ityoophiyaarratti ibsi laatameera.
Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Ambaasaaddaroota biyyoota miseensa Mana Maree Nageenyaa fi Ambaasaaddaroota biyyoota Ameerikaa Kibbaa teessoo isaanii Finfinnee taasiisaniif haala waqtaawaa Ityoophiyaarratti ibsi laataniiru.
Haala naannoo Tigraay, Waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaan, dhimma hidha haaromsaa fi filannoo marsaa 6ffaa torbeewwan muraasa booda gaggeeffamurratti ibsa taasiisaniiru.
Duula olaantummaa seeraa naannoo Tigraayitti gaggeeffame hordofee Sudaan Daangaa Ityoophiyaa weeraruu ishee ibsa taasiisaniiru.
Akkasumas Sudaan naannoon Beenishaanguul Gumuuz lafa kiyya jechuun gaaffiin dhiyeessaa jirtu kan fudhatama hin qabne ta’uu kaasaniiru.
Hawaasni idil addunyaa adeemsa Sudaanirratti dhiibbaa uumuu akka qaban Ambaasaaddar Reedwaan waamicha dhiyeessaniiru.
Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa baatii caamsaa keessa gaggeeffamuuf filattoonni miiliyoonni 34 ol kaardii filannoo fudhachuu ibsa taasiisaniiru.
Gamtaan Awurooppaa Filannoo Ityoophiyaan gaggeessiturratti gareen taajjabdoota akka hin ergamne murteessuun isaa sirrii akka hin taanee fi gamtichi murticha irra deebi’ee akka ilaalu abdii qabaachuu himuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.