Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddaroonnii fi Dippiloomaatoonni 40 ta’an Maqalee daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 1, 2013 (FBC) – Ministir Deettaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen dabalatee Ambaasaaddaroonnii fi Dippiloomaatoonni teessoo isaanii Finfinnee taasiisan 40 ta’an guyyaa har’aa magaalaa Maqalee daawwataniiru.

Qaamoleen kunneen wayita buufata Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa ga’an hojii raawwachiisaa olaanaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Dooktar Muluu Naggaan simatamaniiru.

Dooktar Muluu Naggaan haala waqtaawaa naannichaa ambaasaaddaroota kanneeniif ibsa taasiisaniiru.

Keessattuu haala nageenyaa, deeggarsa namoomaa fi hojiilee naannicha deebisanii ijaaruuf hojjetamaarurratti ibsa laataniiru.

Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannichatti gaggeeffame hordofee bu’uuraalee misoomaa miidhaman deebisaanii ijaaruuf, dhaabbilee tajaajilaa hawaasummaa hojii eegalchiisuu fi deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf hojiilee hojjetamaa jiran ilaalchisee ibsa ga’aa laachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.