Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa daawwatan
Finfinnee, Bitootessa 5, 2017 (FMC) – Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa teessoo isaanii Finfinnee ta’e Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa daawwataniiru.
Daawwannicha Ministeerri Dhimma Alaa qopheessuun himameera.
Daawwannaa Kanarratti Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa Yivgeenii Tarakiin dabalatee Ambaasaaddarri Afrikaa Kibbaafi gareen miisiyoonii dippiloomaatikii hiraamchuu eerame.
Ministirri Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Abrahaam Balaay, haala ijaarsa hidhichaarratti daawwattoota kanneeniif ibsa kennuu ragaan Waajjira Qindeessa Hirmaannaa Hawaasaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia