Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddaroonni Arabaa Ityoophiyaa waliin hariiroo waliigalteerraatti bu’uureffate caalmaatti cimsuuf hojjechaa jiraachuu himan.

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) –Miseensonni Mana Maree Ambaasaaddaroota Arabaa fi Ambaasaddarooni Liigii Arabaa Arabaa Ityoophiyaa waliin hariiroo waliigalteerraatti bu’uureffate caalmaatti cimsuuf hojjechaa jiraachuu himan.
Preezdaantiin FDRI Saahlawarqi Zawudeen, Miseensota Mana Maree Ambaasaaddaroota Arabaa fi Ambaasaddarootaa Liigii Arabaa waliin mari’ataniiru.
Marichaarratti Diiniin Ambaasaaddarootaa akka jedhanitti garechi waggootaa sadiin dura Preezidaanti Saahlawarqi waliin mari’atanii akka turanii yaadachiisuun, biyyoota bakka bu’an gidduutti hariiroo waliigalteerraatti bu’uureffateen caalaatti cimsuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Preezdaant Saahilawarqi gama isaaniin biyyoonni Arabaa ollaa Ityoophiyaa waan ta’aniif, hariiroo jiru caalmaan cimsuun fedhii Ityoophiyaa yeroo hundaa ta’uu kaasaniiru.
Biyyoonni Afrikaa miseensotaa liigii arbaa ta’anis riqichaa jabaa waan ta’aniif, qabeenyaa umamaa jiru hundaaf akka ga’uu fi dhimmoota kamiyyuu naannawaatti furuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.