Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Yohaannis Abrahaam Hogganaa Garee Ce’umsa Pireezidantummaa Kaamaalaa Haaris ta’uun filaman

Finfinnee, Hagayya 21, 2016 (FBC)- Dhalataan Itiyoophiyaan Ambaasaaddarri Ameerikaa Yohaanis Abrahaam Hogganaa Garee Ce’umsa Pireezidantummaa Kaamaalaa Haaris ta’uun filamuun ibsame.

Dimokiraatota bakka bu’uun filannoo Pireezidaantummaa Ameerikaa dhufurratti kan hirmaatan itti gaafatamni sochii guyyuu Kaamaalaa Haariis hogganuu kan kennameef Amabaasaaddar Yohaannis Abrahaam garee ce’umsa pireezidaantummaa hogganuun muuxannoo akka qaban himameera.

Biyyoota Kibba Bahaa Eeshiyaatti Ambaasaaddara Amreeikaa ta’uun tajaajilaa kan jiran Ambaasaddar Yohaannis, guyyoottan dhufan hojii isaanii xumuruun gara biyya isaaniitti akka deebi’an eerameera.

Itti gaafatama hojii isaanii haaraa kanaan, adeemsa filannoo keessatti Kaamaalaa Haaris morkataa isaanii yoo injifatan, garee ce’umsaa pireezidaantittii caasessuurratti hirmaachuu dabalatee imaammata wixineessuu keessatti gumaacha ni taasisuun eegama jedhameera.

Dubbii Himan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa akka ibsanitti, Ambaasaaddar Yohaannis Abrahaam, Biyyootaa Kibba Bahaa Eeshiyaatti Ambaasaddar ta’uun wayita tajaaajila turanitt hariiroo Ameerikaan biyyoota kanneen waliin qabdu daran cimuu keessatti gumaachaa olaanaa taasisaniiru.

Ambaasaddar Yohaannis kanaan dura bara Faranjootaa 2020tti hogganaa olaanaa garee ce’umsaa Pireezidanti Joo Baayidan akka turan NBC’n gabaaseera.

Kan umriin 42 Ambaasaaddar Yohaannis Saayinsii Siyaasaan Digirii jalqabaa kan qaban yoo ta’u, Bulchiinsa Bizinasiin digirii 2ffaan gulantaa olanaan eebbifamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.