Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Yibalxaal Aymiroo Eeggataa Ministira Dhimma Alaa Sudaan waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC)- Sudaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Yibalxaal Aymiroo Eeggataa Ministira Dhimma Alaa Sudaan Umar Gaamaar Aldiin Ismaa’eel waliin mari’ataniiru.

Marichaan Ambaasaaddar Yibalxaal tarkaanfii mootummaan garee badii Juuntaa ABUT irratti fudhacha jiru ilaalchisuun Eeggataa Ministira Dhimma Alaa Sudaan Umar Gaamaar Aldiin Ismaa’eeliif ibsa laataniiru.

Eeggataa Ministira Dhimma Alaa Sudaan Umar Gaamaar Aldiin Ismaa’eel gama siaaniin, Ityoophiyaa fi Sudaan biyyoota obboloota ta’uun akka maatiitti miidhaan Ityoophiyaa akka isaanitti dhaga’amu kaasuun dhimma baqattoota ilaalchiisuun qindoominaan akka hojjetan mirkaneessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.