Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Tireesii Jaakoobsaan daandii qilleensa Ityoophiyaa daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC)- Ityoophiyaatti dhimma raawwachiiftuu mootummaa Ameerikaa Ambaasaaddarri Tireesii Jaakoobsaan daandii qilleensa Ityoophiyaa daawwataniiru.

Daawwannaan ambaasaaddaricha daandiin qilleensa Ityoophiyaa xiyyaaroota fe’umsaa Booying 777-8 shan akka bituu beeksisuu hordofee akka ta’e ibsameera.

Daandiin qilleensicha xiyyaaroota fe’umsa ammayyaa fi boba’aa qusataan bituuf waliigaltee raawwachuun isaa ni yaadatama.

Waliigaltichis sadarkaa idil addunyaatti guddataa kan dhufee fedhii tajaajila Kaargoo caalmaan fayyadamaa kan taasisuu yoo ta’u, guddina galmeessaa jiru yeroo itti aanuutti ni mirkaneessa jedhameera.

Hoji raawwachiisaa olaanaan daandii qilleensa Ityoophiyaa obbo Tawaldee Gabramaariyaam, damee Aviiyeeshinii Afrikaarra dursaa kan ta’ee daandiin qilleensa Ityoophiyaa xiyyaaroota fe’umsa ammayyaa fi boba’aa qusataan bituuf waliigaltee raawwachuun himaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.