Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Tashoomaan hundeeffama hariiroo dippiloomaasii Ityoophiyaa fi Chaayinaa waggaa 50 sababeeffachuun ergaa ergaman qaqqabsiisan

Finfinnee, Sadaasa 14,2013 (FBC)- Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa hundeeffama hariiroo dippiloomaasii Ityoophiyaa fi Chaayinaa waggaa 50 sababeeffachuun ergaa ergaman qaqqabsiisaaniiru.

Ambaasaaddar Tashoomaan  ergaa baga gammaddanii preezdaant Saahilawarq Zawdee preezdaantii Chaayinaa Shii Jiinpiingiif  akkasumaas, ergaa Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yiif ergan kan qaqqabsiisan.

Ergichas Chaayinaatti Ministeera Dhimmaa Alaatti argamuun daayreektara waliigala dhimmota Afrikaa Wu Peengiin qaqqabsiisusaani ragaan Imbaasii Ityoophiyaa Chaayinaatti argamurra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.