Ambaasaaddar Tashoomaa Togaan Dhaabbata Godaantoota Idil Addunyatti Wamaama Afrikaa Bahaa fi Ganfaa Afrikaa waliin mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 9, 2015 (FBC)-Komishinarri Koomishinii Haroomsaa Biyyaalessaa Ambaassaaddar Tashoomaa Togaan Dhaabbata Godaantoota Idil Addunyatti Wamaama Afrikaa Bahaa fi Ganfaa Afrikaa Mahammad Abdikaar dhimmoota haroomsa koomishinichaarratti waliin mari’ataniiru.
Kaayyoon hundeeffama koomishinichaa nageenya waaraa fiduu fi waliigaltee nageenyaa hordofee qaamoolee hidhannoo hiikkatanii fi qajeeltoo seeraan, loltoota duraanii hawasaatti makuun nageenya biyyatti mirkaeessuuf akka ta’ee ibsameera.
Haaluma kanaan, koomishinichi hojiilee hanga ammatti hojjetamee fi boqonnaa qophii fi dhaabbiilee misoomaa fi tumsitoota waliin hojiilee hojjetamaa jiran irratti ibsa bal’aa kennaniiru.
Mahammad Abdikaar gama isaaniin, hojiilee hanga xumura baatii Amajjiitti Dhaabbata Godaantootaa Idil Addunyaa waliin hojjetaman ibsuun, fuulduratti koomishinicha deeggaruuf murannoo qabaachuu eeraniiru.
Haaluma walfakkaatuun, Ambaasaddar Tashoomaan jila Miseensoota Gamtaa Awurooppaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti sangataa misoomaa irratti boqoonnaa qophii jiruu fi tumsuurratti mari’achuu ragaan Ministeera Nageenyarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.