Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Tafarii Mallas hojiilee nageenya mirkaneessuu fi  misoomaa mootummaan hojjechaa jirurratti miseensota paarlaamaa Ingiliziif ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2014 (FBC) –  Ambaasaaddar Tafarii Mallas hojiilee nageenya mirkaneessuu fi  misoomaa mootummaan hojjechaa jirurratti miseensota paarlaamaa Ingiliziif ibsa laataniiru.

Ambaasaaddar Tafariin ABUT waraana marsaa 3ffaaf of qopheessaa jiraachuus kaasaniiru.

Garichi haleellaa raawwachuuf daa’imman waraanaaf filaa jiraachuun ammoo dhimmichi daran yaaddessaa ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaatti nyaataan of danda’uuf tattaaffiin taasifamaa jiraatus Ityoophiyaa iddoowwan tokko tokkotti hongeen mudachuu isaatiin deeggarsi namoomaa barbaachisuu ibsaniiru.

Miseensonni paarlaamaa biyyattii gamasaaniin, fooyya’iinsa siyaasaa Ityoophiyaatti mul’achaa jiruu fi sagantaa biyyattiin nyaataan of danda’uuf qabattee kaate kan dinqisiifatan ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaa deeggaruu kan itti fufan ta’uu fi abbootiin qabeenyaa Ingiliz hojiilee misoomaa Ityoophiyaarratti akka bobba’aniif odeeffannoo kan kennaniif ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.