Ambaasaaddar Taayyeen Pireezidaantii Yaa’ii Waliigalaa DhMG Deenis Firaansiis waliin mari’atan
Finfinnee, Waxabajjii 10, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Pireezidaantii Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Deenis Firaansiis waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota waloon hojjechuun dandeesisuufi nageenya Ganfaa Afrikaa eegsisuurratti mari’achuu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyyuu Tadlaan dubbataniiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jijjiirama qabeenya Qilleensa Dabalatee, Ajandaalee biyyoota guddataa jiranii kan ta’an kanneen akka Faayinaansii, dandeetti ijaarsaa teeknooloojii akkasumas galmoota misooma itti fufiinsa qabu mirkanneessurrattis mari’achuu kaasaniiru.