Ambaasaaddar Taayyeen Ministeera Alaa Ameerikaatti Gargaartuu Ministiraa Dhimmoota Afrikaa waliin mari’atan
Finfinnee, Fulbaana 15, 2017 (FBC) -Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Ministeera Alaa Ameerikaatti Gargaartuu Ministiraa Dhimmoota Afrikaa Moolii Fii waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Hariiroo biyyoota lamaanii ilaalchisee dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadanirratti xiyyeeffachuun mari’achuu ibsameera.
Ambaasaaddar Taayyeen Gaanfa Afrikaatti nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf tattaaffii Itiyoophiyaan taasiisaa jirtu ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Ameerikaan Shororkeessummaa qolachuu fi Gaanfa Afrikaatti nageenya waaressuuf tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti kan cimsitu ta’uu Moolii Fiin ibsuu ragaan MinisteeraDhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia