Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Taayyeen jila Paarlaamaa Xaaliyaanii waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2016 (FBC) – Ministirri Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen jila Paarlaamaa Xaaliyaanii waliin mari’ataniiru.

Jila Seeneetii Xaaliyaanitti Pireezidaantii Dhimma Alaa fi Komishinii Ittisaa Seenaatar Isteefaaniyaa Kiraaksiin durfamu waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota waloo, naannawaa fi hariiroo gamhedduurratti mari’ataniiru jedhame.

Tumsa Mootummaa Xaaliyaanii Itiyoophiyaaf damee garaa garaan taasisaa jiru Ambaasaaddar Taayyeen dinqisiifataniiru.

Hariiroon biyyoota lamaanii yeroo gara yerootti guddachaa jiraachuu Ambaasaaddar Taayyeen eeruu ragaan ministeera dhimma alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.