Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Taayyeen Barreessa Olaanaa Komishinii Dinagdee Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2016 (FBC)-Ministirri Ministeera Dhimma Ala Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Barreessaa Olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa  Kilaavar Gaateet waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Itiyoophiyaan baatii Adoolessaa dhufu Yaa’ii Faayinaansii Misoomaaf keessummeessituuf, walga’iin qophii duraa milkaa’aa akka ta’uuf waloon hojjechuun akkaataa danda’amurratti mari’ataniiru.

Hojii Haaromsaa “Galma Afrikaa” Komishinichaa, bakkeewwan hawwata tuuriizimii misoomaa kooriidariin Magaalaa Finfinneetti ijaaramaa jiraniin walitti hidhuun, giddugala hawwata tuuriizimii taasisuun haala danda’amurrattis mari’achuun eerameera.

Dabalataan Komishinichii Itiyoophiyaatti misoomaa fi dhimmoota idil addunyaarratti walta’iinsaan haala hojjechuun danda’amurratti mari’achuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.