Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen walga’ii mana maree Indiyaanaarratti haala waqtaawaa Ityoophiyaa fi gaanfa Afrikaa ibsa taasiisan

Finfinnee, Amajjii 15, 2013 (FBC) – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen walga’ii Mana Maree Indiyaanaarratti haala waqtaawaa Ityoophiyaa fi gaanfa Afrikaa ibsa taasiisaniiru.

Waltajjii marii manni marichaa dhimmoota idil addunyaa irratti xiyyeeffachuun qopheesseerratti Ambaasaaddar Taayyeen milkaa’inaa fi hudhaalee riifoormii diinagdee fi siyaasaa Ityoophiyaarratti ibsa taasiisaniiru.

Haala waqtaawaa gaanfa Afrikaa fi hariiroo naannichaarratis yaada laataniiru.

Ga’ee hundagaleessaa Ityoophiyaan naannawaa gaanfa Afrikaa keessatti qabdus ibsaniiru.

Ityoophiyaa birmadummaa fi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf Kaabaa biyyattiitti tarkaanfii seeraa fudhachuu ibsa taasiisaniiru.

Hojiilee deeggarsa namoomaa dhiyeessuu fi naannicha deebisaanii ijaaruuf hojjetamaa jiru ilaalchisees ibsa laataniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.