Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa abbootii qabeenyaa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2015 (FBC) – Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Injiinar Silashii Baqqalaa fi Ministir Deetaa Ministeeraa Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi abbootii qabeenyaa Ameerikaa waliin mari’ataniiru.

Marichaarratti abbootiin qabeenyaa akka jedhanitti, Ityoophiyaan gabaa ‘AGOA’ keessaa bahuun dhiibbaa hordofsiisu keessa galcha.

Kanaanis, dubartoota hoji dhabeeyyii taasisuu qofa utuu hintaane, abbootiin qabeenyaa Ameerikaa hojii keessaa akka bahan kan dirqamsiisu ta’uu ibsan.

Kunis hariiroo Ityoophiyaa fi Ameerikaa yeroo dheeraa akka miidhu eeran.

Ambaasaaddar Silashii fi Dooktar Iyyoob, abbootiin qabeenyaa hojii invastimantiirratti akka bobba’an waamicha dhiyeessaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaas walitti bu’iinsa karaa nagaan furuu fi jireenya lammiilee Ityoophiyaa fooyyessuuf ejjennoo hinraafamne kan qabu ta’uu himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.