Ambaasaaddar Silaashii Baqqalaan Seenaatara Ameerikaa waliin mari’atan
Finfinnee, Onkololeessa 30, 2016 (FBC)- Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Silashii Baqqalaan Seenatara Ameerikaa Maayik Roondis waliin mari’ataniiru.
Mariin isaaniis Hariiroo hundagaleessaa Ityoophiyaa fi Ameerikaa gidduurrratti kan xiyyeeffate ta’uun eeraameera.
Fayyadammaa ‘AGOA’ fi dhimmoota daldalaa Itiyoophiyaarratti mari’achuu Ambaasaaddar Silaashiin gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Kana malees, hojiiraa oolmaa waliigaltee Piriitooriyaarratti mari’achuun isaanii ibsameera.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.