Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Shifarraaw, MM Sudaan Abdallaa Haamdook waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 3, 2012 (FBC) – Sudaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Shifarraaw Jaarsoon, muummee ministiraa mootummaa cee’umsaa Sudaan Abdallaa Haamdook waliin mari’atan.

Ambaasaaddar Shifarraaw haala jireenya lammiilee Ityoophiyaa Sudaan jiraatanii fi hariiroo biyyoota lamaaniirratti muummee ministirichaa waliin mari’ataniiru.

Hariiroo diinagdee, fayyadama buufataa, misooma daandii, baaburaa fi bu’uuraalee misoomaarrattis mari’ataniiru.

Gama biraatin nageenya naannoo fi hariiroo biyyoota ollaarrattis xiyyeeffataniiru.

Sudaan lammiileen biyyoota alaa hojiilee daldalaarratti akka hin bobbaane seera ega baasten booda, lammiilee Ityoophiyaa biyyattii jiraatan dabalatee lammiileen biyyoota biroo hidhamaa fi dararamaa jiru.

Adabbiin kaa’ame ulfaataa ta’uu fi hariiroo barootaa ilaalcha keessa galchuun akka ilaalamu ambaasaaddarichi gaafataniiru.

Muummee ministiraa Abdallaa Haamdook gama isaanitiin Ityoophiyaa fi Sudaan hariiroo gaarii barootaa kan qaban ta’uu ibsuun, seerri ba’e Ityoophiyaanota kan hin ilaallanne ta’uu beeksisaniiru.

Hidhaa fi dararaan akka dhaabbatu, qondaaltota mootummaa dhimmi isaan ilaallatu waliinis kan mari’atan ta’uu eeraniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.